Acts 1:3 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus du'a ifiitiin duuba akka jiraataa te'e, deddebi'ee karaa hin mansiinneen mirkaneessaa haga guyyaa afurtamaa isaanitti mudhatee, marroo Mootummaa Waaqaalle isaanitti dubbate.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni eegi due guyya afurtama maro heddu ergattu ufiiti mullate aka aka jiru worra ufi agarsiisu, aka nami dandae ind'aarefanne, worri isa arge inni waan Finna Waaqa worrati hasae.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yesus eegii du'e akka akka jiru warra ufii garsiisu guyyaa afurtamaa marroo hedduu, akka namii dandaa'ee hindhaarefanne, ergamtoota ufiitti mullatee, warrii isa argee innii waan mootummaa Waaqaallee warraatti hime.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Akkasuma guyyaa afurtamaaf waan jeennata Rabbii isaanitti hima'aa ragaa hedduun rakkinna fanno'ootiin maayii jiraataa ta'ee isaanitti uf mudhise.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Akkasuma ammoo guyyaa afurtamaaf waan jeennata Rabbii isaanitti hima'aa ragaa hedduun rakkinna fanno'ootiin maayii jiraataa ta'ee isaanitti uf mudhise.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Rakkinna baayi'ee fudhatee eega du'een duubatti ragoota baayi'ee ifa ta'aniin jiraataa ta'ee isaanitti ni mulidhate, guyyoota afurtamaa guutuu isaanitti muldhata'aa, waayee Mootummaa Waaqaa isaan ni barsiise.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus du'a ifiitiin duuba akka jiraataa te'e, deddeebi'ee karaa hin mansiinneen mirkaneessaa haga guyyaa afurtamaa isaanitti mudhatee, marroo Mootummaa Waaqaalle isaanitti dubbate.