Acts 1:4 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Inni isaan woliin adoo jiruu, “Addii Abbaan kiyya isiniif kenne, ta ani isinitti hime san eegadha'a malee, Yerusaalemii hin bayina'a” jedhee isaan ajajaje.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri woli woldeennaani, inni seera ufi worrati kenne waan jed'eeni, Yerusalemu keesaa imbahiina, ammo qarqaarsa Aabbooni isanii kennu, ka anini qara isaniti hime eegad'a.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Adoo warra waliin jiruu, innii seera ufii warraatti kennee, “Yerusaalem keessaa hinba'inaa, ammoo qarqaarsa Aabboon isanii kenne, ka anin qara isaniitti hime eeggadhaa!
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa isaan woliin jiru akka Yerusaalemiin keessaa hin baane isaan ajaje. Haa ta'uu ammo, «Dubbii abdi'ii ka Aabba kenne ka hennaa ani dubbadhu na irraa dhageettan eegaa'a»
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Hennaa isaan woliin jiru Yeruusaalemiin keessaa akka hin baane isaan ajaje. Haata'uu ammoo, «Ka narraa dhageettan dubbii abdi'ii ka Aabbaan kenne eegaa'a»
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yeroo isaan woliin turetti'llee akkana jechu'uun isaan ni ajaje, «Ka ani isinitti hime abddii Waaqa Abbaa irraa kenname eeggadhaa malee, Yerusaalemiin keessaa hin bayinaa,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Inni isaan woliin adoo jiruu, «Addii Abbaan kiyya isiniif kenne, ta ani isinitti hime san eegadha'a malee, Yerusaalemii hin bayina'a» jedhee isaan ajajaje.