Acts 1:5 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Ede'eelle Yesuus, “Yohaannis bisaaniin isin cuuphe; guyyaa diqqa'aan duuba ammoo Ayyaana Woyyichaan cuuphantan” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yohanani bisaaniini isani batise, ammo eegi bulti diqo toko isani Lubbu Qulqullooni batifamtani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yoh. aannis bisaaniin cuuphe, isan ammoo bultii diqqoo tokkoon duubaatti hafuura Qulqulloon cuuphamtan” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Yohaannis bisaaniin cuuphee ture; isin ammo guyyaa hago'oon maayii Ayyaana Woyyu'uun cuuphamtan» jedhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
«Yohaannis waan bisaaniin cuupheef, isin ammoo guyyaa diqqo'oon maayii Ayyaana Woyyu'uun cuuphamtan» jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yohaannis bishaaniin ni cuuphe, isin garuu guyyaa muraasaan duubatti, Hafuura Qulqulluun ni cuuphamttan.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ede'eelle Yesuus, «Yohaannis bisaaniin isin cuuphe; guyyaa diqqa'aan duuba ammoo Ayyaana Woyyichaan cuuphantan» jedhe.