Acts 1:8 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
ammoo yennaa Ayyaanni Woyyichi isin irratti bu'u, hunna hin dhaggattan; yennaa san Yerusaalemitti, lafa Yihuda'aa duudi'itti, Samaariya'aa fi biyya lafaa duudi'itti dhugaa bayoota tiyya hin teetan” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo eegi Lubbuuni Qulqullooni isani ira buute jabeenna argattani, Yerusalemufi Yudeafi Samaria keesafi haga muumme lafale ch'ufa na d'ugeesitani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ammoo yo hafuurii qulqulloon isan irra bu'ee jabeenna argattan; Yerusaalem, Yihudaa, Samaariyaa keessaa fi haga muummee lafaallee cufa naa dhugeesitani” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Haa ta'uu ammo hennaa Ayyaanni Woyyuun isin irratti bu'e hunna argattan; Yerusaalemii fi Yihuudaa maratti, Samaariya'aa haga daangaa lafaa ragaa kiyya taatan» jedhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Haata'uu ammoo Ayyaanni Woyyuun hennaa isin irratti bu'e, hunna argattan; Yerusaalemii fi Yihuudaa maraatti Samaariya'aa haga daangaa lafaa ragaa kiyya taatan» jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Garuu Hafuurri Qulqulluun isin irra yeroo bu'etti huminna ni argattan, yeroo san Yerusaalemitti, arddii Yihuda'aa, Samaariyaa maratti, haga daangaa arddi'ii titti ragoota kiyya ni taatan.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
ammoo yennaa Ayyaanni Woyyichi isin irratti bu'u, hunna hin dhaggattan; yennaa san Yerusaalemitti, lafa Yihuda'aa duudi'itti, Samaariya'aa fi biyya lafaa duudi'itti dhugaa bayoota tiyya hin teetan» jedhe.