Acts 10:1 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Qachaa Qisaariya'a keessa namichi Qorneelewos jedhamu tokko, kutaa woraana worra Rooma'aa ka “Ixaaliqaa” jedhamee waammamuuf ajaja dhibbaa ka ite'e jiraayyu.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Namicha toko jira, Kaisaria keesa, maqaani isaa Kornelio; gumi askarti d'ibba toko ta Taliana jed'ani guddaani isa.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Namicha, maqaan isaa Qorneelewos jedhan tokkootti dira Qiisaariyaa keessa jira; gumii waraanaa ta dhibba tokkoo ta Roomaa “Xalii'aana” jedhan guddaan itti isa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Namichi Qorneelewoos jedhamu tokko biyya Qisaariya'aa keessa jiraata'aa ture. Inni kun kutaa woraanaa worra Rooma'aa ka Ixaalqaa jedhamee waamamuuf ajajaa loltuu dhibbaati.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Namichi Qorneelewoos jedhamu tokko biyya Qisaariya'aa keessa jiraata'aa ture. Inni kun kutaa woraanaa worra Rooma'aa ka Ixaalqaa jedhamee waamamuuf ajajaa loltuu dhibbaa ti.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Qiisaariyaa ka jiraatu Qorneelewos nama jedhamu tokkotu jira ture, inni'llee hoomaa woraana Rooma'aa jalatti, «Kutaa woraana Ixaaliya'aa» ka jedhamu keessatti, ajajaa dhibbaa ni ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Qachaa Qiisaariya'aa keessa namichi Qorneelewos jedhamu tokko, kutaa woraana worra Rooma'aa ka «Ixaaliqaa» jedhamee waamamuuf ajaja dhibbaa ka ite'e jiraayyu.