Acts 10:17 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Pheexroos mudhiin tun maan jedhee adoo baaseffatiisatti jiruu, namooti Qorneelewos erge mana Simoonii iyyaafatanee dhufanee, balbala dura dhabbatane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ato Petroni waan daayya inni arge suni heregu, jari Kornelioni erge kaani mana Simoni gaafate, balbala dura eje,
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Adoo Phexros waan daayyaa argee sun herreguu, jarii Qorneelewos erge kaan mana Simoon gaafatee, balbala dura ejaajjee,
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Pheexroosillee waan mudhata argee hiikkaa isaatiif uduu garaa ufii keessatti dhudhuma'aaru namoonni Qorneelewoos erge mana Simoonii barbaadanii haga arganiin maayessa dhufanii balbala irra dhaabatan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Pheexroosillee waan manaaba arge saniif maal inni jedhee onnee isaatiin uduu mamu kunoo namoonni Qorneelewoos erge waan mana Simoonii gaafatanii, gara balbalaa dhiyaatan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Phexiros hiikkaa mulidhata, «Maal ta'inna?» jedha'aa yaada isaa titti yoo sarddamu, namoonni Qorneelewosii erge gaafi'iin mana Simoonii argatanii balbala ni dhaabatan ture,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Pheexroos mudhiin tun maan jedhee adoo baaseffatiisatti jiruu, namooti Qorneelewos erge mana Simoonii iyyaafatanee dhufanee, balbala dura dhaabbatane.