Acts 10:2 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Inni maatii ifii duudii woliin nama Waaqa waaqonfatuu fi Waaqa sodaatu. Inni ammalle worra Yihudootaa keessaa hiyyeeyyii guddoo qarqaaraa, yennaa mara Waaqa daadimataa ture.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni nama dansaa ka Waaqa sodaatu, isaafi worri isaaleeni. Inni guddo maro Waaqatiifi wo namaa kenne, guyya ch'ufale Waaqa kad'ata.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Innii nama Waaqaati; isaa fi warrii isaalleen cuftii akka guddaa Waaqaa sodaata. Innii marroo Waaqatiif warra Yihudii hiyyeeyyii guddoo wa kenne, guyyaa cufaallee Waaqaa kadhata.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Inni nama maatii ufii maraa woliin Rabbiin waaqeffatu, ka Rabbiin sodaatu, ka hiyyeeyyi'ii waa kennuu fi nama hennaa maraa Rabbiin kadhatu ture.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Inni maatii ufii maraa woliin nama Rabbiin kaddaamuu fi nama Rabbiin sodaatu bani'iillee keenna hedduu kenna'aa; hennaa maraa Rabbiin faateffata'aa ture.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Inni'llee maatii isaa mara woliin Waaqaa ka Waaqeffatuu fi nama sodaatu ture, hiyyeesotaaf'llee arjjooma baayi'ee ni kenna ture, gara Waaqaa'llee yeroo mara kadhannaa isaa ni dhiyeessa ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Inni maatii ifii duudii woliin nama Waaqa waaqonfatuu fi Waaqa sodaatu. Inni ammalle worra Yihudootaa keessaa hiyyeeyyii guddoo qarqaaraa, yennaa mara Waaqa daadimataa ture.