Acts 10:22 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Isaan deebisanee, “Ajajaa dhibbaa ka te'e, Qorneelewositti nu erge; inni nama qajeelaa Waaqa waaqonfatuu fi kolbaan Yihudootaa duudiin ulfeessitu; inni gara mana ifii si waanisisee, waan ati jettu akka dhage'u, ergamaan Waaqaa woyyichi isatti himeera” jedhane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri waan jed'e, Kornelio gudda askarti, nama d'uga, ka Waaqa d'ugefatu, ka gochiti Yahudi ch'ufti saadu, afaani malaika qulqullo tokotiini Waaqi gorse, aka inni mana isati si yaame dubbi tante d'agayu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Warrii deebisee, “Namicha qajeelaa Qorneelewos jedhan ka guddaa warra waraanaa, tokkootti nu erge; innii nama dhugaa, ka Waaqaa dhugeeffatu, ka gochitii Yihudii cuftii saaddu, akka innii mana isaatti si yaamee dubbii tantee dhaga'u, ergamaan Waaqaa qulqulloon tokkoo itti hime” jedhan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isaanillee, «Nu ajajaa dhibbaa ka Qorneelewoos jedhamu biraa dhufne; inni qajeela'aa fi nama Rabbiin sodaatu ka Yihuudota maraa biratti kabajjama'aa fi ka maqaa mishaa qabu; inni gara mana ufii si waamsisee waan ati jettu akka dhagayu, maleekkaan woyyuun isatti dubbate» jedhanii deebisaniif.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Isaanillee deebisanii, «Nu ajajaa dhibbaa ka Qorneelewoos jedhamu biraa dhufne; inni qajeela'aa fi nama Rabbiinillee sodaatu ka Yihuudota maraa biratti kabajjama'aa fi ka maqaa mishaa qabu; inni gara mana ufii si waamsisee, waan ati jettu akka dhagayu, maleekkaan woyyuun isatti dubbate» jedhanii deebisaniif.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Isaan'llee, «Nu'u ajajaa dhibbaa Qorneelewosiin bira dhufnne, inni nama ummanni Yihudotaa marrinuu kabajuun, nama mishaa Waaqa Waaqeffatu, si'llee gara mana isaa si waamsisee waan ati jettu akka dhagayuuf, maleyikkichi Qulqulluun ibisee itti himee jira» jedhaniin.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan deebisanee, «Ajajaa dhibbaa ka te'e, Qorneelewositti nu erge; inni nama qajeelaa Waaqa waaqonfatuu fi kolbaan Yihudootaa duudiin ulfeessitu; inni gara mana ifii si waansisee, waan ati jettu akka dhage'u, ergamaan Waaqaa woyyichi isatti himeera» jedhane.