Acts 10:24 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Guyyaa itti aanu qachaa Qiisaariya'aa geyane; Qorneelewosille firootaa fi jaalota ifii waammatee, isaan eegate.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Iftaani taani worri Kaisaria olduude. Kornelioni worra eeguu jira; inni ya fiit'a ufitiifi jaalaani ufi ch'ufa wolti yaame.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Guyyaa itti aanu Qiisariyaatti gale. Qorneelewos ammoo yo sun; fiixaa ufitii fi jaallan ufii cufaa walti yaameetti warra eeguu jira.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Guyyaa itti aanullee qachaa Qisaariya'aatitti galan; Qorneelewoos firtoota ufiitii fi goshoota ufii wolitti waamee isaan eega'aa ture.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Guyyaa itti aanullee qachaa qisaariya'aatitti galan Qorneelewoosillee firoota isaaniitii fi goshoota ufii wolitti waamee, isaan eega'aa ture.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Guyyaa lammaffaa titti'llee gara Qiisaariyaa ni gayan, Qorneelewos'llee firoota isaatii fi waahellan isaa ka dhiyyo'oo waamee, Phexirosiin fa'a ni eeggata ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Guyyaa itti aanu qachaa Qiisaariya'aa geyane; Qorneelewosille firootaa fi jaalota ifii waammatee, isaan eegate.