Acts 10:28 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Inni isaaniin, “Nami gosa Yihudi'ii tokko, worra Yihudii hin te'in woliin firoomuu yookiin mana wolii dhaquu seerri dhugeeffannaa teennaa akka hin eeyyanne isinuu hin beettan. Waaqi ammoo, akka ani nama tokkolle'een aadaa dhugeeffanna'aatiin qulqullu'uu moti yookiin battii akka hin jenne anatti mudhiseera.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni waan worraani jed'e, Isani imbeetani, aada keesa Yahudiini nama gosa d'ibi wahela tolfatte woliini inteetu. Ammo Waaqi la na garsiise, aka anini nama tokole tuffad'e yokhaani, Inni qulqulloniti injenneeni.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Innii, “Isan, akka aadaa keessa Yihudiin nama gosa dhibii waahela tolfattee waliin hinteenne akka dansaa beettan. Ammoo Waaqii akka anin nama tokkoollee tuffadhee yokaan, ‘Innii qulqullooniiti yokaan fudhatama hinqabu’ hinjenneen la na garsiise.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Namni Yihuudi'ii gosa biraa woliin taa'uu'u, yookaan itti dhiyaachuun akka seera hin taane isinuu hin beettan; anatti ammo Rabbi nama kamiinuu battaaya'aa fi ka tuffatame akka hin jenne natti mudhise.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
«Namni Yihuudi'ii gosa biraa woliin taa'uu yookiin itti dhiyaachuun akka seera hin taane isinuu hin beettan; anatti ammoo Rabbi nama kamiinuu battaaya'aa fi ka tuffatame akka hin jenne natti mudhise.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Akkana'llee isaaniin jedhe, «Nama Yihudichi ta'eef ummata bira'aa woliin hirmmaachuu fi gara mana isaa'llee aseenuuf, Seerri amanitii keennaatiin akka hin eeyyamaminne isiin mataan keessanuu ni beekittan, garuu eennuun'llee ka qulqulluu ka hin ta'in yookiin battii akka hin jenneef, Waaqinni naaf ibisee jira.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Inni isaaniin, «Nami gosa Yihudi'ii tokko, worra Yihudii hin te'in woliin firoomuu yookiin mana wolii dhaquu seerri dhugeeffannaa teennaa akka hin eeyyanne isinuu hin beettan. Waaqi ammoo, akka ani nama tokkolle'een aadaa dhugeeffanna'aatiin qulqullu'uu moti yookiin battii akka hin jenne natti mudhiseera.