Acts 10:32 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Nama gara Yophe'ee ergiitii namicha Simoon Pheexroos jedhamu waansisi. Inni abbaayaa guddittii cinaa mana Simoonii gogaa duuguutitti keessummummaa jira.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Tanaafi nama gara dira Yafa ergi, nama toko ka Simoni Petro jed'ani yaami, inni keessuma nama Simoni jed'ani toko ka goga machaleesuti, ka afaani galaana tau.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Tanaaf nama gara dira Yophee ergii, nama tokko ka Simoon Phexros jedhan yaam; innii keessumaa namicha Simoon jedhanii ka gogaa machaalleessu, ka afaan galaanaa taa'uutii’ naan jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Eeganaa gara Iyyoophe'ee ergiitii Simoonii Pheexroos jedhamu waamsis; inni mana namicha gogaa duuguu ka Simoon jedhamuu ka manni isaa qarqara galaanaa jiru keessummummaa dhaqeeraa› naan jedhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Eeganaa gara Iyyoophe'ee ergiitii Simoonii Pheexroos jedhamu waamsisi, inni mana Simoonii gogaa duuguu ka manni isaa qarqara galaanaa bira keessummummaa achi taa'eera› naan jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
eegaa gara Yophe'ee barataa ergiitii, Phexiros ka jedhame Simooniin waamsis, inni'llee garba ciisaa biratti ka argamu mana Simoonii gogaa duuga'aa, keessumumma'aan taa'ee jira,›
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Nama gara Yophe'ee ergiitii namicha Simoon Pheexroos jedhamu waansisi. Inni abbaayaa cinaa mana Simoonii gogaa duuguutitti keessummummaa jira.