Acts 10:36 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Waaqi Jecha ifii kolbaa Israa'eliitiif erguu isaa, Oduu Gammadaa ta nageyaa, karaa Yesuus Kiristoosii Goottaa nama maraatiin lallabuu isaa hin beettan.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Dubbi suni ta Waaqi gara ijoolle Israeli erge, aka nagaya Yeso Kristo keesa hasaani, inni Abba nama ch'ufaati, isani imbeetani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Akka Waaqii dubbii sun gara ijoollee Israa'elii erge, akka oduu nagayaa dansaa karaa Yesus Kiristootiin haasa'an, akka Yesus Kiristoon Abbaa nama cufaa, isan inbeetan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuus Kiristoosii Gooftaa maraa ta'een nagaya isaa lallaba'aa dubbii kana gara ijoollee Israa'elii erge.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuus Kiristoos Gooftaa maraa ta'een nagaya isaa lallaba'aa dubbii kana gara ijoollee Israa'elii erge.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Waaqinni ummata Israa'eeliitiif dubbii isaa erguun isaa ka beekkame, Gooftaa maraa karaa Yesus Kristositiin, nagaya lallaba'aa, ka dhufeef'llee isaaniif.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Waaqi Jecha ifii kolbaa Israa'eliitiif erguu isaa, Oduu Gammadaa ta nageyaa, karaa Yesuus Kiristoosii Goottaa nama maraatiin lallabuu isaa hin beettan.