Acts 10:37 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yohaannis marroo cuupha'aa lallabeen duuba, biyya Galila'aatii jalqabee lafa Yihuda'aa mara keessatti waan te'e hin beettan.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Isani waan jabdu lafa Israeli, arda Galilaya kana keesati eegi Yohanani, waan batiso namati hime asi tahe imbeetani,
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Isan waan jabduu lafa Israa'elii, ardaa Galiilaa kana keessatti eegii Yoh. aannis, waan cuuphaa namaatti himee asi ta'e hinbeettani,
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Cuuphaa Yohaannis lallabeen maayii waan biyya Galiila'aatii haga Yihuudaa maraa keessatti ta'e isinuu hin beettan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Cuuphaa Yohaannis lallabeen maayii waan biyya Galiila'aatii haga Yihuudaa maraa keessatti ta'e isinuu hin beettan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yohaannis waayee cuupha'aa yeroo lallabee jala qabee, Galiila'aa kaasee haga arddii Yihuda'aa marattuu, waan ta'e ni beekittan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yohaannis marroo cuupha'aa lallabeen duuba, biyya Galiila'aatii jalqabee lafa Yihuda'aa mara keessatti waan te'e hin beettan.