Acts 10:38 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Waaqi, Yesuussii Naaziretii Ayyaana Woyyichaan muudee hunna akka isaaf kenne, Yesuusille Waaqi isa woliin waan jiruuf addee mara dhaqee hujii dansaa hujee, worra Seexanaan qabame duudii akka fayyise hin beettan.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
aka Waaqi Yeso Nazareti Lubbu Qulqullofi jabeennaani muude, isani imbeetani. Inni fulla ch'ufa dedeeme waan dansa tolche, nama Sheet'ani gaargalche ch'ufa fayyise, waan Waaqi isa woliini jiruufi.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
akka Waaqii Yesus Naazireet Hafuura Qulqulloo fi jabeennaan muude, akka innii fulaa cufa dedeemee waan dansaa tolchee, nama Sheexanii gaargalche cufaa fayyise, akka Waaqii isa waliin jiru isan inbeettan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbi Yesuusii nama Naazireeti'ii Ayyaana Woyyu'uu fi hunnaan muude. Rabbi waan isa woliin jiruuf Yesuus waan mishaa godha'aa, worra daabiloosii bitaman maraa fayyisa'aa olii gad deeme.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Rabbi Yesuusii nama Naazireetii Ayyaana Woyyu'uu fi hunnaan isa muude. Yesuus waan mishaa godha'aa worra daabiloosii bitaman maraa fayyisa'aa olii gad deeme. Waan Rabbi isa woliin jiruuf.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
«Dabalee'llee Waaqinni Yesusii Nazireetii Hafuura Qulqullu'uun akka isa dibee fi humnna'llee akka kenneef ni beekittan, Waaqinni'llee isa woliin ni jira waan tureef, inni'llee waan mishaa raawwata'aa, worra daabiloosiin qabaman maraa fayyisa'aa, asii fi achi ni dedeebi'e.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Waaqi, Yesuusii Naaziretii Ayyaana Woyyichaan muudee hunna akka isaaf kenne, Yesuusille Waaqi isa woliin waan jiruuf addee mara dhaqee hujii dansaa hujee, worra Seexanaan qabame duudii akka fayyise hin beettan.