Acts 10:39 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Nuuti biyya Yihuda'aatii fi qachaa Yerusaalemiititti, waan Yesuus godhe maraaf dhugaa baatota; isaan ammoo isa fannoo irratti fannisanee ijjeesane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nu d'uga waan inni tolche ch'ufa lafa Yahudi keesafi Yerusalemu keesaleti. Worri isa ijeese, mukha irati fannise.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Nu waan innii lafa Yihudiitii fi Yerusaalem keessatti tolche cufaa dhugaa. Warrii muka irratti fanniseetti isa ijjeesse.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Nullee waan inni biyya Yihuudotaatii fi Yerusaalemitti godhe maraaf raga'a; isa muka irratti fannisanii ajjeesan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Nullee waan inni biyya Yihuudotaatii fi Yerusaalemitti godhe maraaf raga'a, isa muka irratti fannisanii ajjeesan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
«Baadiyyaa Yihuda'aatii fi magaalaa Yerusaalmii titti'llee waayee waan inni raawwatee maraaf nu'u ragoota, isa garuu muka irratti fannisanii ni ajjeesaniin.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Nuuti biyya Yihuda'aatii fi qachaa Yerusaalemiititti, waan Yesuus godhe maraaf dhugaa baatota; isaan ammoo isa fannoo irratti fannisanee ijjeesane.