Acts 10:4 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Qorneelewosille erganticha Waaqaa hubatee ilaalee soda'aan, “Gootta'a, maan?” jedhe. Ergamaan Waaqaa deebisee, “Waaqi daadimata keeti dhage'eera; hiyyeeyyii qarqaaruu keetille yaadateera.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni isi arginaani rifate waan jed'eeni, Maal, Aabbo? Isiini waan jetteeni, Kad'acha teetiifi waan atini maro Waaqatiifi namaa kennitu ya fuula Waaqa durati si qaabatani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Qorneelewos isa arginaan rifatee millatee, “Maal, Aabboo?” jedhee gaafate. Ergamaan ammoo deebiseefii, “Kadhachaa teetii fi waan atin Waaqaa jettee, hiyyeeyyii wa kenituuf, fuula Waaqaa duraatti ya si qaabatani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Innillee hennaa guuttatee isa laalu nayee, «Gooftaa'a! maali'i?» jedhe. Maleekkaanillee akkana jedheen, «Rabbiin kadhatuun keetii fi hiyyeeyyii gargaaruun kee Rabbiin afo'otti yaadatameera.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Innillee hennaa guuttatee isa laalu nayee, «Goofta'a maali'i?» jedhe. Maleekkaanillee akkana isaan jedhe, «Faateen keetii fi hiyyeeyyii gargaaruun kee Rabbiin afo'otti yaadatameera.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Guuttatee gara maleyikkichaa laaleeti nayu'uun, «Yaa Gooftaa! Maali'i?» ni jedhe. Maleyikkichi'llee akkana jedheen, «Kadhannaan keetii fi arjjoomnni hiyyeesotaaf taasfttu'llee yaadannoo mishaa ta'ee, gara Waaqaa ol deemee jira,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Qorneelewosille erganticha Waaqaa hubatee ilaalee soda'aan, «Gootta'a, maan?» jedhe. Ergamaan Waaqaa deebisee, «Waaqi daadimata keeti dhage'eera; hiyyeeyyii qarqaaruu keetille yaadateera.