Acts 10:44 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Adoo Pheexroos tana dubbatiisatti jiruu, Ayyanni Woyyichi worra dubbii isaa dhage'iisatti jiru duudii irratti bu'e.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ato Petroni ammalle dubbi tana dubbatu, Lubbuuni Qulqullooni worra dubbi tana d'agaye ch'ufa ira bute.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Adoo Phexros ammallee dubbii tana dubbachuu jiruu, Hafuurii Qulqulloon warra dubbii tana dhaga'e cufaa irratti bu'e.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Pheexroos akkuma waan kana dubbateen worra dubbii isa dhagayan maraa irratti Ayyaanni Woyyuun bu'e.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Pheexroos waan kana akkuma dubbateen worra dubbii isa dhagayan maraa irratti Ayyaanni Woyyuun bu'e.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Phexiros kana yeroo dubbatutti namoota haasaya isaa dhagayan mara irratti, Hafuurri Qulqulluun ni bu'e.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Adoo Pheexroos tana dubbatiisatti jiruu, Ayyaanni Woyyichi worra dubbii isaa dhage'iisatti jiru duudii irratti bu'e.