Acts 10:47 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
“Kolbaan tun akkuma keenna Ayyaana Woyyicha fudhateerti. Akka isaan bisaaniin hin cuuphanne eentu dhoogga ree?” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Eentu dandae bisaaniini worra kana batifamu d'owa, eegi worri akuma keenna Lubbu Qulqullo argate?
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
“Eentu dandaa'ee warra akkuma keenna Hafuura Qulqulloo argate kana, bisaaniin cuuphamuu dhowwa?” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa san Pheexroos deebisee, «Kunniin ammo akkuma keenna worri Ayyaana Woyyuu fudhatan akka bisaaniin hin cuuphamne ka isaan dhooggu eennu?» jedhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Hennaa san Pheexroos deebisee, «Kunniin ammoo akkuma keenna Ayyaana Woyyuu worri fudhatan akka isaan hin cuuphamnee ka bisaan isaan dhooggu eennu?» jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
«Namoonni kunniin'llee akkuma keenna Hafuura Qulqulluu fudhatanii jiran, eegaa, isaan bishaaniin akka hin cuuphamnneef eennutu isaan dhooga?» jedhu'uun ni dubbate.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Kolbaan tun akkuma keenna Ayyaana Woyyicha fudhatteerti. Akka isaan bisaaniin hin cuuphanne eentu dhoogga ree?» jedhe.