Acts 10:48 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Maarre Pheexroos akka isaan maqaa Yesuus Kiristoosiitiin cuuphamanu ajaje. Achiin duuba isaan akka Pheexroos guyyaa diqqa'aaf isaan woliin turu kadhatane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni worra kana maqa Yeso Kristotiini batisa jed'e, Jennaani worri isa kad'ate aka inni bulti diqo achi tau.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Tanaaf innii akka warra maqaa Yesus Kiristootiin cuuphan ajaje, jennaan warrii akka Phexros bultii diqqoo achi taa'u kadhate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Akka maqaa Yesuus Kiristoosiitiin cuuphaman isaan ajaje. Kanaan maayii akka inni guyyaa hagoo taa'u kadhataniin.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Akka maqaa Yesuus Kiristoosiitiin cuuphaman isaan ajaje. Kanaan maayii akka inni guyyaa hagoo taa'u kadhataniin.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaaf maqaa Yesus Kristositiin akka cuuphamaniif ni ajaje, kanaan duubatti Phexirosiin isaan woliin, guyyoota muraasaaf akka turuuf ni kadhataniin.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Maarre Pheexroos akka isaan maqaa Yesuus Kiristoosiitiin cuuphamanu ajaje. Achiin duuba isaan akka Pheexroos guyyaa diqqa'aaf isaan woliin turu gaafatane.