Acts 10:6 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Inni abbaayaa guddittii cinaa mana Simoonii gogaa duuguutitti keessummummaa jira” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni keessuma nama toko, ka Simoni jed'ani, ka goga machaleesuti; mani isaa afaani galaanati.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Innii keessummaa nama Simoon jedhan, ka gogaa machaalleessuu tokkoo; manii isaalleen afaan galaanaati” jedheen.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Inni keessummummaa mana namicha gogaa duuguu ka manni isaa qarqara galaanaa jiruu taa'eera. Inni waan ati gootu sitti himaa.»
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Innillee keessumumma mana namicha gogaa duuguu ka manni isaa qarqara galaanaa jiruu taa'eera. Inni waan ati gootu sitti hima.»
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
inni'llee amma garba ciisaa biratti ka argamu mana gogaa duugidicha mana Simoonii, keessumumma'aan taa'ee jira.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Inni abbaayaa cinaa mana Simoonii gogaa duuguutitti keessummummaa jira» jedhe.