Acts 10:7 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Achiin duuba ergantichi isatti dubbatee biraa deemeeruun, Qorneelewos tajaajiltoota ifii keessaa nama lamaa fi loltoota isaaf addatamanu keessaa nama tokko waamee,
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Malaikaani Kornelioni dubbatte taani deemnaani, inni hojattu ufi lama yaame, ammalle askarticha dansa toko ka guyya ch'ufa waan isaa ilaalule yaame.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ergamaan isaan dubbate kaan deemnaan, Qeernelewos hojjatoota ufii lama yaamee, ammallee nama waraanaa ka amantii qabu qajeelaa tokko, ka guyyaa cufaa waan isaa ilaalullee yaame.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Maleekkaan isatti dubbate sun haga isa biraa deeme garboota mana isaa keessaa nama lamaan worra loltuu isaaf amanaman keessaa nama Rabbiin waaqeffatu tokko waamee,
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Maleekkaan isatti dubbate sun haga biraa deeme garboota mana isaa keessaa nama lamaan worra loltuu isaaf amanaman keessaa nama Rabbiin kaddaamu tokko waamee,
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Maleyikkichi kana itti hime isa biraa fooyamee yeroo deemetti, Qorneelewos tajaajilttoota isaa keessaa lamaanii fi lolttoota kutaa isaatii ta'an keessaa, Waaqa ka sodaatu tokko waameeti,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba ergantichi isatti dubbatee biraa deemeeruun, Qorneelewos tajaajiltoota ifii keessaa nama lamaa fi loltoota isaaf addatamanu keessaa nama tokko waamee,