Acts 11:12 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Ayyaanni Woyyichi akka ani mama malee isaan woliin deemu anatti hime. Dhugeeffattooti jaan ka as ana bira jiranulle ana woliin dhaqanee, duudiin keenna mana Qorneelewosii seenne.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Lubbuuni, Soda male worra woliini deemi naani jette. Ammalle oboleyaani jaani tanaani woliini yaane, mana namicha olduunne.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Hafuurii Qulqulloon, adoo homaa hinsodaatin akk anin warra waliin deemu natti hime. Ammallee obboleeyyan ja'aan taaniin waliin yaanee, mana namichaa olduunne.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ayyaanni uduu hin mamin isaan woliin akka deemu natti hime; obboleeyyan jahan kunniin ammo na woliin dhufanii gara mana nama sanii seenne.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Ayyaanni uduu hin mamin isaan woliin akka deemu natti hime, obboleeyyan jahan kunniin ammoo na woliin dhufanii gara mana nama sanii seene.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Shakkii tokko malee isaan woliin akka deemuuf'llee, Hafuurri Qulqulluun natti ni hime, obboleeyyan jahaan kunniin'llee ana woliin turan, isaaniin woliin'llee gara mana Qorneelewos jedhamuu ni aseenne.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ayyaanni Woyyichi akka ani mama malee isaan woliin deemu natti hime. Dhugeeffattooti jaan ka as na bira jiranulle na woliin dhaqanee, duudiin keenna mana Qorneelewosii seenne.