Acts 11:13 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Qorneelewosille, ergamaan Waaqaa mana isaa keessa dhaabbateeruun akka dhaggee fi ergantichi isaan, ‘Gara Yophe'ee nama ergiitii, Simoon ka Pheexroos jedhamu waansisi;
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni aka malaika mana ufi keesati arge nuti hime. Malaikaani suni waan jetteeni, Nama gara Yafa ergi, nama toko ka Simoni Petro jed'ani yaami;
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Qorneelewos ammoo akka ergamaa Waaqaa mana ufii keessatti arge nutti hime, ergamaan sun, ‘Nama gara Yophee ergii, nama tokko ka Simoon Phexros jedhan yaam;
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Innillee akka Maleekkaan mana isaa keessa dhaabate arge, Maleekkaanillee gara Iyyoophe'ee namoota ergiitii Simoonii Pheexroos jedhamu waamsis;
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Innillee akka Maleekkaan mana isaa keessa dhaabate arge, Maleekkaanillee gara Iyyoophe'ee namoota ergiitii Simo'oonii Pheexroos jedhamu waamsisi;
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Inni'llee maleyikkicha mana isaa keessa dhabatee akka argee fi gara Yophe'ee nama ergitee Phexiros ka dhame Simooniin waamsis,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Qorneelewosille, ergamaan Waaqaa mana isaa keessa dhaabbateeruun akka dhaggee fi ergantichi isaan, ‹Gara Yophe'ee nama ergiitii, Simoon ka Pheexroos jedhamu waansisi;