Acts 11:16 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yennaa san waan Goottaan, ‘Yohaannis bisaaniin cuuphe, isin ammoo Ayyaana Woyyichaan cuuphantan’ jedhe qaabadhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani anini dubbi Aabbo qaabad'e, ta inni Yohanani d'uguma bisaaniini batise, ammo isani Lubbu Qulqullooni batifamtani jed'e taani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jennaan anin yoma sun dubbii Aabbo ta innii ‘Yoh. aannis bisaaniin cuuphe, isan ammoo Hafuura Qulqulloon cuuphamtan’ jedhe taan qaabadhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa san dubbii Goofta'aa ka, ‹Yohaannis bisaaniin cuuphe; isin ammo Ayyaana Woyyu'uun cuuphamtan› jedhu qaabadhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
‹Yohaannis bisaaniin cuuphe, isin ammoo Ayyaana Woyyu'uun cuuphamtan› ka jedhu dubbii Goofta'aa qaabadhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yeroo sanitti, Yohaannis bishaaniin ni cuuphe, isin garuu Hafuura Qulqullu'uun ni cuuphamttan jechu'uun dubbii Gooftaan dubbate ni yaadadhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yennaa san waan Goottaan, ‹Yohaannis bisaaniin cuuphe, isin ammoo Ayyaana Woyyichaan cuuphantan› jedhe qaabadhe.