Acts 11:18 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Isaan yennaa tana dhage'ane, moromaa lakkisanee, “Waaqi worra Yihudoota hin te'inille akka cubbuu irraa deebi'anee jiraatanu carraa kenneera” jedhanee Waaqa leellisane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Waan kana d'ageennaani dubbi isaa quufani, Waaqa faarsani waan jed'ani, Waaqi gosa d'ibile ya daba iraa deebise jireenna kenneefi.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Waan kana dhageennaan dubbii isaa quufanii, “Waaqii gosa dhibiillee ta hindhugeeffatin ya cubbuu irraa deebisee jireenna kenneef” jedhanii Waaqaa faarsan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isaan hennaa kana dhagayan cadhisanii, «Rabbi worra Yihuudota hin ta'inillee akka cubbuu irraa deebi'anii jiraatan hiree aagii galiiti'ii isaanii kenneera» jedhanii Rabbiin galatoonfatan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Isaan hennaa kana dhagayan cadhisaniiti, «Rabbi worra Yihuudota hin ta'inillee akka cubbuu irraa deebi'anii jiraatan hiree aagii galiiti'ii isaanii kenneera» jedhanii Rabbiin galateeffatan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Isaan'llee kana yeroo dhagayanitti waan deebisan dhabanii ni caldhisan, «Eegaa Waaqinni ummata Waaqa dhugaa titti hin amanne'llee, jireenna haarawaan ka isaan gayu dhiifama isaaniif kennee jira» jechu'uun Waaqa ni galateeffatan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan yennaa tana dhage'ane, moromaa lakkisanee, «Waaqi worra Yihudoota hin te'inille akka cubbuu irraa deebi'anee jiraatanu carraa kenneera» jedhanee Waaqa leellisane.