Acts 11:20 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Te'uu malee dhugugeeffattooti qachaa Qophiroosiitii fi Qareena'aatii dhufane gariin, gara qachaa Anxokiya'aa yennaa dhufane, worra Giriikootaalle'eef Oduu Gammadaa ta marroo Goottaa Yesuusii himane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo jari gari ka Kiprofi Kirene, Antiokia d'umnaani gosa d'ibileti hasaani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jarii garii ka Qophrosii fi Qareenee ammoo, Anxokiyaa dhumnaan gosa Giriikiilleetti haasa'anii, oduu dansaa Aabboo Yesus Kiristoo himan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isaan keessaa ammo namoonni Qophiroosiitii fi Qareenaa taa'an tokko tokko gara Anxookiya'aa dhufanii Dubbii Nagayaa Gooftaa Yesuus Kiristoosii lallaba'aa namoota Giriikiitittillee himan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Isaan keessaa ammoo namoonni Qophiroosiitii fi Qareenaa taa'an tokko tokko gara Anxookiya'aa dhufanii Oduu Nagayaa Gooftaa Yesuus Kiristoosii lallaba'aa namoota Giriikiitittillee himan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Haa ta'u malee Qophrosii fi Qareena'aa ka dhufan amanttoonni tokko tokko gara Anxokiyaa yeroo deemanitti, Giriikota dabalatee waayee oduu mishaa Gooftaa Yesusii, ni lallaban.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Te'uu malee dhugeeffattooti qachaa Qophiroosiitii fi Qareena'aatii dhufane gariin, gara qachaa Anxokiya'aa yennaa dhufane, worra Giriikootaalle'eef Oduu Gammadaa ta marroo Goottaa Yesuusii himane.