Acts 11:24 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Barnaabaas nama arjaa Ayyaana Woyyichaa fi dhugeeffanna'aan guutame waan te'eef, kolbaan hedduun gara Gootta'aa deebite.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Barnabani nama dansa, ammalle Lubbu Qulqullofi d'ugefacha qaba. Nami hedduuni Aabbooti darame.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Waan Baarnaabaas nama dansaa Qafuura Qulqulloon guutamee, ammallee dhugeeffachaa jabduu qabu, ta'eefii namii hedduun Aabbootti darame.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Inni waan nama mishaa, ka Ayyaana Woyyu'uu fi ka amantii qabu tureef baniin hedduu Goofta'atti amanan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Inni nama mishaa ka Ayyaana Woyyu'uu fi ka amantaa qabu waan tureef, baniin hedduu Goofta'atti amanan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Inni'llee Hafuurri Qulqullu'uu fi amantiin ka itti guuttamtte nama mishaa waan tureef, namoonni laakkofssi isaanii baayi'ee ta'an, gara Gooftaa ni deebi'an.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Baarnaabaas nama arjaa Ayyaana Woyyichaa fi dhugeeffanna'aan guutame waan te'eef, kolbaan hedduun gara Gootta'aa deebite.