Acts 11:28 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Isaan keessaa tokkochi Agaabos ka jedhamu ka'ee, biyya lafaa duudii irratti beelti jadduun akka bu'aartu, Ayyaana Woyyichaan raaga dubbate; kunille bara Kilaawudiiyos mootii te'etti muummowe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Namichi toko, ka Agabo jed'ani, Lubbuuni guutamnaani, aka beelti guddooni lafa ch'ufa d'uftu fage. Beelti tunini bara motuma Klaudio d'ufte.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Warra keessaa namichii tokko, ka Agaabos jedhan, ka'ee akka beeltii jabduun lafa cufaatti dhuftu irree Hafuura Qulqullootiin dubbatee fage. Beeltii tunin bara mooticha Roomaa ka Kilaawudiiyos jedhanii dhufte.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isaan keessaa namichi Agaabos jedhamu tokko ka'ee akka adunyaa maraa irratti beelli dhufu Ayyaana Woyyu'uun isaanitti hime; wonti kun bara Qelaawudeewoos Qeesarichaa ta'e.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Isaan keessaa namichi Agaabos jedhamu tokko ka'eeti adunyaa maraa irratti beelli akka dhufu Ayyaana Woyyu'uun isaanitti hime; wonti kunillee bara Qelaawudeewoos Qeesarichaa ta'e.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Isaan keessaa'llee tokko Agaabos ka jedhamu ka'ee, biyya lafaa mara irratti beelli ol aanaan akka ta'u kakaasnssa Hafuura Qulqulluutiin raaga ni dubbate, kun'llee ka ta'e bara nugusa Rooma'aa Klaawudiiyosii titti ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan keessaa tokkochi Agaabos ka jedhamu ka'ee, biyya lafaa duudii irratti beelti jadduun akka bu'aartu, Ayyaana Woyyichaan raaga dubbate; kunille bara Kilaawudiiyos mootii te'eerutti muummowe.