Acts 11:5 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
“Ani qachaa Yophe'ee keessatti adoo daadimatiisatti jiruu, galaalchee mudhii dhagge. Wonni akka woyaa guddo'oo fakkaattu roga afuriinuu ol gubbaa irraa dhuttee, ana cinaa buute.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ato anini dira Yafa keesati Waaqa kad'achu jiru, daayya keesa anini wo arge, woya guddo, ta humbi afraanu hid'ani nati gadi buusani arge.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
“Anin adoo dira Yophee keessatti Waaqaa kadhachuu jiruu, daayyaa keessa, waan akka wayaa guddoo, ta fiixee afraanuu hidhan natti gadi buussan arge.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Ani uduu qachaa Iyyoophe'eetitti Rabbiin kadhata'aaru yaada keessa ta'ee manaaba arge; meeshaan guddaan woccuu fakkaatu kallattii arfaniinuu wol qabatee sami'ii bu'ee gara kiyya dhufe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
«Ani qachaa Iyyoophe'eetitti uduu faateffata'aaru, yaada keessa ta'ee manaaba arge; meeshaan guddaan woccuu fakkaatu kallattii arfaniinuu wol qabatee sami'ii bu'eeti gara kiyya dhufe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
«Ani magaalaa Yophee titti kadhannaa irra uduu jiru yaada hafuuraatiin muldhata ni arge, muldhanni arge'llee wonitti golgata guddaa uffataa fakkaatu, kallattii arffaniin qabamee, sami'ii yoo bu'uu fi gara kiyya yoo dhufu,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Ani qachaa Yophe'ee keessatti adoo daadimatiisatti jiruu, galaalchee mudhii dhagge. Wonni akka woyaa guddo'oo fakkaattu roga afuriinuu ol gubbaa irraa dhuttee, na cinaa buute.