Acts 12:10 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Isaan worra eedduu tokkeesso'ootii fi lammeesso'oo irra dabaraneen duuba, balbala sibiilaa ta gara qacha'aa bayanu bira geyane; balbaltille ifumaan isaan duraa banantee, gad bayane. Karaa tokko gad deemanee, ergamaan dedhuma Pheexroos biraa deeme.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Eegi fulla qaraatifi ta lameeso ta nami eegu dabrani, balbalti sibiila toko ta yo keesa baani dira seenani ufumaani duraa banamte. Worri alati bahe, kara toko gula yae maro tokotu malaikaani isa bira deemte.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Eegii fulaa namii eegu ta qaraatii fi ta lameessoollee dabranii, balbala sibiilaa ta gara diraa nama baachuun ba'an. Balbaltii taan adoo namii itti hinbu'in ufumaan warra duraa banamtee, warrii alaatti gadba'ee, karaa tokko gula yaa'ee, yoma tokkoon ergamaan isa bira deeme.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Worra karra eegu ka tokkeesso'ootii fi ka lammeesso'oo bira lufanii karra sibiilaa ka gara qacha'aa baasu gayan. Karrillee ufumaan isaan jalaa baname. Bayaniillee haga tokko lufanii yoma san Maleekkaan isa biraa fooyame. Pheexroosillee uf beekee,
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Worra karra eegu ka tokkoffa'aatii fi ka lammaffa'aa bira lufanii karra sibiilaa gara qacha'aa baasu gayan. Karrillee ufumaan isaan jalaa baname. Bayaniillee haga tokko lufanii yomasan Maleekkaan isa biraa fooyame. Pheexroosillee uf beekee,
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Wordiyyaa tokkoffa'aatii fi lammaffaa bira dabrranii gara magaala'aa gara ka nama fidhuu gara cufantaa sibiilaa ni gayan. Cufantaan'llee uduma naminni hin tuqiniin akkanumaan isaanii banameeti, bayanii karaa dagale'ee tokkoon dabrranii ni deeman, dimmaa'llee maleyikkichi Phexirosiin biraa fooyamee ni deeme.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan worra eedduu tokkeesso'ootii fi lammeesso'oo irra dabaraneen duuba, balbala sibiilaa ta gara qacha'aa bayanu bira geyane; balbaltille ifumaan isaan duraa banantee, gad bayane. Karaa tokko gad deemanee, ergamaan dedhuma Pheexroos biraa deeme.