Acts 12:14 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Isiin qoonqoo Pheexroosii beettee, waan guddoo gammaddeef, balbala adoo hin baniniif rukkittee gara keessaa seentee, “Pheexroos balbala dura dhaabbateera!” jettee odeessite.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Qonqo Petro d'ageennaani, gammadafi balbala banu dad'abde, utaalte, aka Petroni balbala dura eju himte.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Isiin qoonqoo Phexros dhageennaan, gammadee balbala banuu dadhabdee, utaaltee akka Phexros balbala dura ejju himte.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Akka laagaa Pheexroosii ta'e haga beette guddiftee waan gammaddeef uduu balbala hin banne mana keessa ol fiiddee, «Pheexroos balbala afoo dhaabateera!» jettee himte.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Akka laagaa Pheexroosii ta'e haga beette, guddiftee waan gammaddeef, balbala uduu hin banne, mana keessa ol fiiddee, «Akka Pheexroos balbala afoo dhaabate!» himte.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Qooniqqa Phexirosii ta'uu yeroo beekitetti, baay'inna gammachuu isi'ii irra ka ka'een balbala uduu hin banin, fiigiddee gara keessaa aseenitteeti, «Phexiros balbala dhaabatee jira!» jechu'uun ni dubbatte.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isiin qoonqoo Pheexroosii beettee, waan guddoo gammaddeef, balbala adoo hin baniniif rukkittee gara keessaa seentee, «Pheexroos balbala dura dhaabbateera!» jettee odeessite.