Acts 12:17 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Inni akka isaan cadhisanu harka ifiitiin beessisa itti kennee, Goottaan mana hidha'aa keessaa attam akka isa baase isaanitti odeessee, “Dubbii tana Yaaqoobii fi dhugeeffattoota dhibiille'etti hima'a” jedhee, bayee addee dhibii dhaqe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo inni harkaani akheekhe, Ch'allisa jed'eeni; duuba aka Aabbooni hid'aansa keesaa isa baase worrati hime. Ammalle waan worraani jed'e, Beena, waan kana Yakobofi oboleyaani taaniti hima. Inni duuba ufi kae gara d'ibi d'aqe.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Innii ammoo akka warrii callisu harkaan milikkita warra garsiisee duuba akka Aabboon hidhaansa keessaa isa baase warraatti hime. Ammallee warraan, “Beenaa, waan kana Yaaqoobii fi obboleeyyan taaniitti himaa!” jedhee, ufii ka'ee gara dhibii dhaqe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Inni ammo akka cadhisaniif afaan isaanitti dhadhayatee attamitti akka Gooftaan mana hidha'aatii isa baase isaanitti himee, «waan kana Yaaqoobii fi obboleewwan kaawwanittillee himaa'a» isaaniin jedhe. Achii bayee gara hulee biraa dhaqe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Inni ammoo akka cadhisaniif afaan isaanitti dhadhayatee, attamitti akka Gooftaan mana hidha'aatii isa baase isaanitti himee, waan kana Yaaqoobii fi obboleewwan kaawwanittillee himaa'a isaaniin jedhe. Achii bayeeti gara hulee biraa dhaqe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Inni garuu akka caldhisaniif harka isaatiin akeekee, Gooftaan mana hidha'aatii attamitti akka isa baaseen isaanitti odeesseeti, «Waan kana Yaaqoobii fi amantoota hafanitti'llee himaa» isaaniin ni jedhe. Isaan irraa fooyamee'llee gara bakka bira'aa ni deeme.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Inni akka isaan cadhisanu harka ifiitiin beessisa itti kennee, Goottaan mana hidha'aa keessaa attam akka isa baase isaanitti odeessee, «Dubbii tana Yaaqoobii fi dhugeeffattoota dhibiille'etti hima'a» jedhee, bayee addee dhibii dhaqe.