Acts 12:19 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Heroodis Pheexroos barbaachisee isa dhagguu dhabee jennaan, eeddota qorateen duuba akka ijjeefamanu ajaje; Achiin duuba Heroodis Yihudaa irraa gara Qiisaariya'atti gad bu'ee achi ture.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Eegi Herodeni Petro barbaade d'abe inni nama isa qorqorate gaafate ijeecha iti mure. Eegi waan kana Herodeni Yudea keesaa deeme Kaisaria d'aqe tae.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Herodis Phexros barbaadee dhabee jennaan, warra waraanaa ka isa eege gaafatee ijeechaa itti mure. Eegii sunii Herodis Yihudaa keessaa deemee, Qiisaraa dhaqee achi taa'e.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Heroodisillee soccisiisee haga dhabe worra eeddotaa qoratee akka isaan ajjeefaman ajaje. Pheexroos Yihuuda'aa gara Qisaariya'aa dhaqee achi taa'e.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Heroodisillee soccisiisee haga dhabe worra eeddootaa qoratee akka isaan ajjeefaman ajaje. Pheexroos Yihuuda'aa gara Qisaariya'aa dhaqee achi taa'e.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Heerodis'llee gara isaatiin Phexirosiin barbaachisee yeroo dhabeenitti, worra wordiyyaa eegan eega qorateen duubatti, akka ajjeeffaman ni ajaje, Saniin duubatti'llee Heerodis Yihuda'aa gara Qisariyaa deemee, achi ni taa'e.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Heroodis Pheexroos barbaachisee isa dhagguu dhabee jennaan, eeddota qorateen duuba akka ijjeefamanu ajaje; Achiin duuba Heroodis Yihudaa irraa gara Qiisaariya'atti gad bu'ee achi ture.