Acts 12:20 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Heroodis kolbaa Xiiroosiitii fi Sidooniititti guddoo aareeraayyu. Maarre isaan wolii galte'een gara isaa dhufanee, Bilaasxosii tajaajilaa addatamaa mana mootichaa, Heroodisitti dhikaatee araara akka isaaniif gaafatuuf, tole jechisiifataneen duuba, mooticha araara gaafatane; isaan biyya mootichi bulchu keessaa sagalee waan dhaggatanuuf tana jedhane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Herodeni biyya Tirofi Sidoniti guddo dalane. Worri wolti bahe isati d'ufe, namicha Blasto jed'ani, ka mana hayyu keesa hojatu jaala tolfatani, duuba gara Herode d'aqani, nagaya kad'atani, waan lafti suni worra lafa Herode ira sagale argatuufi.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Herodis biyya Xiiroosii fi Sidooniitti guddoo dallane; warrii walti ba'ee isaatti dhufee, namicha Bilaasxos jedhan, ka mana hayyuu keessa hojjatu akka innii warra qarqaaruu kadhatanii, eegii amansiifataniin, duuba gara Herodis dhaqanii, araara kadhatan; waan laftii sun warra lafa Herodis irraa sagalee argattuuf.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Heerodis namoota Xiroosiitii fi Siidona'aa woliin wol dhabee ture. Isaan ammo garaa tokko ta'anii gara isaa dhufan. Bilaasxoosii mootichi amanu maarre jechisiisanii araara kadhatan. Biyyi isaanii biyya mooticha saniitii waan nyaataa argata'aa turaniif.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Heroodisi namoota Xiirosiitii fi Sidoona'aa woliin wol dhabee ture. Isaan ammoo garaa tokko ta'anii gara isaa dhufan. Ka mootichi amanu Bilaasxoosiin maarre jechisiisanii araara kadhatan. Biyyii isaanii biyya mooticha saniitii waan nyaataa argata'aa turaniif.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Heerodis namoota Xiiroosii fi Sidoona'aa irratti haalaan dallanee ni ture isaan'llee tokkumma'aan dhufaniiti, gorssaan nugusaa Bilaasxosii akka isaan gargaaruuf isa kadhatanii, tole eega jecchisiisaniin duubatti'llee nugusicha araara ni gaafatan, Kana'llee ka raawwatan biyyiti isaanii nyaata ka argattu bulchiinsa nugusichaatii waan turef.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Heroodis kolbaa Xiiroosiitii fi Sidooniititti guddoo aareeraayyu. Maarre isaan wolii galte'een gara isaa dhufanee, Bilaasxosii tajaajilaa addatamaa mana mootichaa, Heroodisitti dhikaatee araara akka isaaniif gaafatuuf, tole jechisiifataneen duuba, mooticha araara gaafatane; isaan biyya mootichi bulchu keessaa sagalee waan dhaggatanuuf tana jedhane.