Acts 12:4 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Heroodis yennaa Pheexroos qassiisee mana hidha'aatti galche, afur afur te'anee akka isa eeganu loltoota dabaree afuritti qoodamaneeranutti isa kenne. Jila Irra Dabaramaatiin duuba kolbaa duratti akka isa dhikeessuuf yaadate.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Qamnaani mana hid'aansa keesa kaye, harka askarti kud'ani jaati kenne, aka afuri afuriini isa tissani. Eegi jilti Pasaka dabarte, inni biyya durati isa baasu fed'e.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Qamnaan mana hidhaansaa keessa kaa'ee, akka afur afuriin isa eegan harka warra waraanaa kudhanii jahaatti kenne. Jiltii dabarsaa dabaraan, akka itti muran biyya duraatti isa baasuu fedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Haga qabeenii gara mana hidha'aa seensise, Faasika'aan maayii gara bani'ii baasu'uuf yaadee marti isaaniituu loltoota afur ta'anii akka isa eegan loltoota garee afuritti qoodamanitti dabarsee isa kenne.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Haga qabeenii gara mana hidha'aa seensise, Faasika'aan maayii gara banii baasu'uuf yaadee, marti isaaniituu loltoota afur ta'anii akka isa eegan loltoota garee afuritti qoodamaniitti dabarsee isa kenne.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Phexirosiin eega qabssiiseen duubatti gara mana hidha'aa ni galcheen, ayyaana Yihudotaa ka Faasika'aatiin duubatti haga ummataaf isa dhiyeessuuntti, afur afur ta'anii akka isa eeganiiniif lolttoota afuriitti ni kenneen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Heroodis yennaa Pheexroos qassiisee mana hidha'aatitti galche, afur afur te'anee akka isa eeganu loltoota dabaree afuritti qoodamaneeranutti isa kenne. Jila Irra Dabaramaatiin duuba kolbaa duratti akka isa dhikeessuuf yaadate.