Acts 12:6 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Halkan bari'een duuba Heroodis silaa Pheexroos kolbaa duratti dhikeessu, Pheexroos wodaroo sibiilaa lamaan hidhamee, loltoota lama odduu rafee, eeddoti balbala mana hidha'aa dura dhaabbatanee eegane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Halkani Herodeni sila biyya duraani isa d'ufu fed'u, Petroni jiddu askarti lama rafu jira. Haada lama ka sibiilatiini isa hid'ani, jari mana hid'aansa eegu balbala qorqorate.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Guyyuma Herodisi silaa biyya duraan isa dhufuu fedhe sun, ka Phexros haada sibiilaa lamaan walti hindhani jidduu warra waraanaa lama rafuu jiru; jarii mana hidhaansaa eeguulleen balbala dura ejaajjeetti eeguu jira.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Heroodisillee isa baasu'uuf hennaa yaade, halkan san Pheexroos haada sibiilaa lamaan hidhamee loltoota lama wodhakkaa rafe. Worri eegan balbala afoo taa'anii mana hidha'aa eegan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Heroodisillee isa baasu'uuf hennaa yaade, halkan san Pheexroos siiboo sibiilaa lamaan hidhamee loltoota lama wodhakaa rafe. Worri eegan balbala afoo taa'anii mana hidha'aa eegan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Heerodis guyyaa itti aanutti Phexirosiin ummatatti dhiyeessuuf yaadee ture, Phexiros'llee halkan sanitti birbiraata lamaan hidhamee, loltoota lamaan jidduu rafee jira ture, loltoonni kuunniin'llee balbala mana hidha'aa ni eegan ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Halkan bari'een duuba Heroodis silaa Pheexroos kolbaa duratti dhikeessu, Pheexroos wodaroo sibiilaa lamaan hidhamee, loltoota lama odduu rafee, eeddoti balbala mana hidha'aa dura dhaabbatanee eegane.