Acts 12:7 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Dedhuma ergamaan Gootta'aa achi dhaabbatee, manni hidha'aa keessi ife. Ergantichille cinaacha Pheexroosii tuqee, isa dammassee, “Ariifadhuu ka'i!” jedheen. Wodaroon sibiilaalle harka isaa irraa buute.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Malaikaani Aabbo isa bira ejite, ifsaani manati ifse, malaikaani ch'inaacha Petro d'oofte, isa kaafte waan jetteeni, Hurrisi kai! Haadi sibiila kaani harka isaa iraa jige.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Tasa ergamaan Aabboo Phexros bira ejjee, ibseen manaatti ibsitee, ergamaan sun cinaacha Phexros dhadha'ee dammasee, “Phexros hurrisii ka'i!” jennaan sansalatii harka isaa irraa bu'e.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Maleekkaan Goofta'aa dhufee mana keessatti ifti ife. Pheexroosiin kalee isaa tuqee dammassee, «Daddafii ka'i!» jedheen. Haanni sibiilaallee harka Pheexroosii irraa bu'e.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Maleekkaan Goofta'aa dhufee, mana keessatti ifti ife. Pheexroosiin kalee isaa tuqee dammassee, «Daddafii ka'i!» jedheen. Sansalaannillee harka Pheexroosii irraa bu'e.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yeroo sanitti maleyikkaan Goofta'aa ifatti ni muldhate, mana hidha'aa keessatti'llee ifin ni ife, maleyikkichi'llee Phexirosiin cinaacha dhayee dammaqiseeniiti, «Dadafaan ka'i!» jedheen, birbiraatonni'llee harkiin isaa irraa ni kufan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Dedhuma ergamaan Gootta'aa achi dhaabbatee, manni hidha'aa keessi ife. Ergantichille cinaacha Pheexroosii tuqee, isa dammassee, «Ariifadhuu ka'i!» jedheen. Wodaroon sibiilaalle harka isaa irraa buute.