Acts 12:8 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Achiin duuba ergamaan, isaan “Hidhadhu! kophee teetille keyadhu” jedhe. Pheexroosille akkuma inni itti hime tolche. Achiin dubaa ergantichi, “Woyaa teeti uffadhuu ana gula koyi” jedheen.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Malaikaani waan isaani jette, Hid'ad'u, kopele naqad'u. Inni akasi tolchinaani malaikaani waan isaani jette, Woya uyifad'u, na gula kooti.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jennaan ergamaan isaan, “Hidhadhu, kopheelee naqadhu!” jedheen. Phexros ka'ee hidhatee, kopheelee keeyyatee jennaan, ergamaan ammallee, “Wayaa tanteellee uyyifadhuu, na gula kootti” jedheen.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Maleekkaan sun, «Woccuu tee marxifadhu, kophee kee godhadhu» jedheen. Innillee akkasuma godhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Maleekkaan sunillee, «Woccuu tee marxifadhu kophee kee godhadhu» jedheen. Innillee akkasuma godhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Maleyikkichi'llee, «Uffata kee uffadhu! Kophee kee'llee godhadhu!» ni jedheen. Phexiros'llee akkuma ajajame ni raawwate, maleyikkichi'llee, «Qoola kee uffadhuutii ana horddofi!» ni jedheen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba ergamaan, isaan «Hidhadhu! Kophee teetille keyadhu» jedhe. Pheexroosille akkuma inni itti hime tolche. Achiin duuba ergantichi, «Woyaa teeti uffadhuu na gula koy» jedheen.