Acts 13:1 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Wolde'a kiristaanaa ka Anxokiya'aa keessa raagotaa fi barsiisoti jiraniiyyu: isaanille Baarnaabaas, Simoon ka “Gurraacha” jedhamu, Luukiyoosii biyya Qareena'aa, Maanaa'enii Heroodisii bulchaa woliin guddatee fi Saa'ol fa'a.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Gumi Waaqa ta lafa Antiokia jirtu keesa, raagootafi nama wo barsiisu jira. Worri suni Barnabafi Simoni ka Guraacha jed'aniifi Lukio ka lafa Kirenetiifi Manaeni ka hayyu Herode woliini guddateefi Saulo.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Gumii Waaqaa ta lafa Anxokiyaa jirtu keessaa, raagootaa fi barsiisotaatti jira. Warrii sun Baarnaabaa, Simoon ka “Guraacha” jedhaniin, Luukiyos nama lafa Qareenee, Maanaa'en ka bulichaa Herodis waliin guddatee fi Saa'oli.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Woldaa Kiristaanaa ta Anxookiyaa jirtu keessa raattotaa fi barsiisootatu jira. Isaanillee Barnaabaas, Simoonii «Gurraacha» jedhamu, Luukiiyoosii biyya Qareena'aa, Heroodisii bulchaa kutaa arfeesso'oo, hiriyyaa isaa Minaahe'ee fi Saa'oliin fa'a.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Woldaa Kiristaanaa ta Anxookiyaa jirtu keessa, raattootaa fi barsiisootatu jira. Isaanillee, Barnaabaas, Simoonii «Gurraacha» jedhamu Luukiiyoos biyya Qareena'aa Heroodisii bulchaa kutaa arfaffa'aa, hiriyyaa isaa Minaahee fi Saa'ooliin fa'a.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Woldaya amantiii ta Anxokiyaa jirttutti nabiyyoota jedhamanii ka waamaman wongeela lallabddootaa fi barsiisonni ni jiran turan, isaan'llee, Baarnaabaas, gurraacha ka jedhame Simooniin, Luukiyosii Qareena'aa, bulichaa kutaa bara arfaffa'aa woliin guddate Heerodisii ka turan Maanaahee fi Saa'olii'llee ni turan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Wolde'a kiristaanaa ka Anxokiya'aa keessa raagotaa fi barsiisoti jiraniiyyu: isaanille Baarnaabaas, Simoon ka «Gurraacha» jedhamu, Luukiyoosii biyya Qareena'aa, Maanaa'enii Heroodisii bulchaa woliin guddatee fi Saa'ol fa'a.