Acts 13:11 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Ammalle harki Goota'aa si hin dhowa; ballaa hin teeta; yennaa diqqoolle ifa adu'uu hin dhaggitu” jennaan, Yoosuma hurri'ii fi dukkanti ila isaa qaddee, nama harka qabee isa sooressu adaala ifii qaqqabatiisa jalqabe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammatana ilaali, harki Aabbo si gubbaa jira; ila d'abda, haga bulti diqo toko lafa ingartu. Maro tokotu ilti isaa sapupoofte, lafti iti dukanoofte, inni deeme nama ule isaa qabu barbaade.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ammatana laali, harkii Aabboo si dha'aa; ila dhabdaa, haga bultii diqqoo tokkoo lafa hingartu” jennaaniin, yoma sun iltii isaa saaphuphooftee, laftii itti dukkanooftee, innii deemee nama ulee isaa qabu barbaadate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Amma harki Goofta'aa si dhaya; ka ijaan hin argine taata; haga henna'aatiif ifa hin argitu» jedheen. Hennama san hurriinii fi dukkanti itti buutee, nama harkaan qabee isa masakku soqaa tafaafure.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Amma harki Goofta'aa si dhaya; jaamaa taata; haga henna'aatiif ifa hin argitu» jedheen. Hennama san hurriinii fi dukkanti itti buutee, nama harkaan qabee isa masakku soqa'aa tafaafure.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Amma kunoo, harki Goofta'aa si ni dhaya, jaamaa'llee ni taata, yeroo muraasaaf'llee ifa adu'uu hin argitu.» Bakkumatti ija isaa qayyootaa fi dukkanni ni uffiseen, harka qabee nama isaa eemaru'llee naannaya isaa barbaaduu jala ni qabe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ammalle harki Gootta'aa si hin dhowa; ballaa hin teeta; yennaa diqqoolle ifa adu'uu hin dhaggitu» jennaan, Yoosuma hurri'ii fi dukkanti ila isaa qaddee, nama harka qabee isa sooressu adaala ifii qaqqabatiisa jalqabe.