Acts 13:14 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Isaan ammoo lafa Pherge'eetii ka'anee, gara qachaa Anxokiya'aa ka lafa Phisiidiya'aa keessatti dhaggamuu dhaqane; guyyaa Sanbataa mana waaqeffannaa Yihuudootaa seenanee tee'ane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Pergaa yaani dira Antiokia ka lafa Pisidia d'ufani; guyya Sabato mana Waaqa iti kad'atani seenani tataani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Phergee yaa'ani dira Anxokiyaa ka lafa phisiidyaa dhufan; guyyaa Sambataa mana waldeennaa seenaanii tataani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isaan ammo Pheergeeniin lufanii gara Anxookiya'aa fi gara Phisigiya'aa gayanii guyyaa Sambataatiin gara mana sagada Yihuudotaa seenanii taa'an.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Isaan ammoo Pheergeeniin lufanii gara Anxookiya'aa fi gara Phisigiya'aa gayanii, guyyaa Sambataatiin gara mana sagada Yihuudotaa seenanii taa'an.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Isaan garuu Pherge'ee ka'anii Phisidiya'atti gara Anxookiya'aa ni dhaqan, guyyaa Sanbbataatiin gara bakka wolgayii Yihudotaa tokko aseenanii ni ta'an.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan ammoo lafa Pherge'eetii ka'anee, gara qachaa Anxokiya'aa ka lafa Phisiidiya'aa keessatti dhaggamuu dhaqane; guyyaa Sanbataa mana waaqonfannaa Yihudootaa seenanee tee'ane.