Acts 13:15 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Kitaabi Seera Muuse'eetii fi Raagotaa dubbifameen duuba, bulchitooti Mana Waaqeffannaa Yihudootaa isaanitti erganee, “Obboleeyyan, jecha nama jajjabeessu yoo qabaattane dubbadha'a” jedhane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Eegi dubbi Seeratiifi ta raaga soomani, jaaroleeni Mana Waaqaa kaani nama worrati ergite waan jetteeni, Oboleyaani, yo nama gorsu feetani, dubbad'a.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Eegii dubbii Seeraatii fi ta raagaa dubbiisan, jaarroleen Mana Waaqaa taan nama warraatti ergitee, “Obbooleeyyaan, yo nama gorsuu feetan, dubbadhaa” jette.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Haga Kitaabni seeraatii fi kitaabni raattotaa dubbifamaniin maayii bulchoota mana sagada Yihuudotaa isaanitti erganii, «Obboleeyyan teenna waan banii gorsitan yoo qabaattan mee dubbadhaa'a!» jedhaniin.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Haga Kitaabni seeraatiif kitaabni raattootaa dubbifamaniin maayii bulchoota mana sagada Yihuudotaa isaanitti erganii, «Obboleeyyan teenna waan banii gorsitan yoo qabaattan mee dubbadhaa'a» jedhaniin.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kitaabban Seeraatii fi nabiyyootaa eega dubbisaniin duubatti itti gaafatamoonni bakka wolgayi'ii, «Yaa obboleeyyan, ummata ka jajabeessu jecha gorssaa yoo qabaattan dubbadhaa» jedhanii, gara Phaawulosii fa'a nama ni ergan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Kitaab Seera Muuse'eetii fi Raagotaa dubbifameen duuba, bulchitooti Mana Waaqonfannaa Yihudootaa isaanitti erganee, «Obboleeyyan, jecha nama jajjabeessu yoo qabaattane dubbadha'a» jedhane.