Acts 13:17 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Waaqi kolbaa Israa'elii, abbootii teenna foyatee, yennaa isaan akka ormaatitti biyya Gibxii keessa le'ane, gosa guddoo isaan godhe. Inni hunna guddoo ifiitiin biyya Gibxi'ii keessaa isaan baasee,
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Waaqi gosa Israeli ababoota teenna fohate gosa jabdu tolche, gaafa worri aka keesuma lafa Misiri keesa tau. Inni harka jabaani lafa suni keesa worra baase,
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
“Waaqii gosa Israa'elii ababoota teenna foohatee gosa jabdu tolche, gaafa warrii akka keessumaa lafa Gibxii keessa taa'u. Innii irree jabduun lafa sun keessaa warra baase.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Waandhi banii Israa'elii kun abboota keenna fooyatee uduu biyya Misirii keessummummaa jiran banii ufii ol ol qabee hunna ufii gudda'aan achii isaan baase.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Waandhi banii Israa'elii kun abboota keenna fooyatee, biyya Misiirii keessummummaa uduu jiran banii isaa ol ol qabe hunna isaa gudda'aan achii isaan baase.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Waaqinni ummata Israa'eelii kun abbootii keenna ka duraanii ni filate, biyya Gibixii yeroo turanitti'llee ummata guddaa isaan ni taasise, Humnna isaa ol aanaan'llee biyya sanii isaan ni baase.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Waaqi kolbaa Israa'elii, abbootii teenna fowatee, yennaa isaan akka ormaatitti biyya Gibxii keessa le'ane, gosa guddoo isaan godhe. Inni hunna guddoo ifiitiin biyya Gibxi'ii keessaa isaan baasee,