Acts 13:22 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Saa'ol mootummaa irraa buuseen duuba, Waaqi Daawwiti mootii isaanii godhe. Waaqi marroo isaatiif dhugaa bayee, ‘Ani, Daawwitii ilma Iseyii nama akka gadhaa kiyyaa, ka fedhii tiyya duudii muummessu dhaggadheera’ jedheera.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Eege Waaqi isa lakise Daudi hayyu worraa tolche. Waaqi isa d'ugeese waan jed'e, anini yayu Daudi, ilma Yese argad'e, ka garaani kiyya maache fed'i tiyya ch'ufa guutu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Eegee Waaqii Saa'ol lakkisee Daawiti hayyuu warraa tolche. Waaqii isaa dhugeesee, ‘Anin Daawiti, ilma Isey nama garaan kiyya maachuu ya argadhe; innii fedhii tiyya cufaa inguuta’ jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isallee haga buuseen maayii Daawitiin isaan irratti mootii taasise; hennaa isaa ragaa bayu, ‹Nama akka garaa kiyyaa ta'e; nama fedha kiyya maraa raawwatu ilma Isseyii Daawitiin argadhe› jedhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Isallee haga buuseen maayii, Daawitiin isaan irratti mootii taasise; hennaa isaa ragaa bayu, ‹Nama akka garaa kiyyaa ta'e nama fedha kiyya maraa raawwatu ilma Isseyii Daawitiin argadhe› jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Saa'oliin'llee aangoo irraa eega buuseen duubatti Daawiitiin isaanii nugusa ni taasise, Waaqinni waayee Daawiitii raagaa yoo bayu, akka fedhii kiyyaa ka naa ta'u, fedhii kiyya'llee ka naaf raawwatu, ilma Iseyii Daawiitiin ni argadhe jedhee jira.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Saa'ol mootummaa irraa buuseen duuba, Waaqi Daawiti mootii isaanii godhe. Waaqi marroo isaatiif dhugaa bayee, ‹Ani, Daawitii ilma Iseyii nama akka gadhaa kiyyaa, ka fedhii tiyya duudii muummessu dhaggadheera› jedheera.