Acts 13:25 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yohaannis tajaajila ifii fixatiisatti adoo jiruu kolba'aan, “Isin eennu ana seetan? Ani ka isin eegattanu sanii moti. Ammoo ka ani hidhaa kophee isaa hiikiisaafille hin teene, ana duubaan dhufaara.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yohanani huji ufi ch'ufa hobaasu geennaani waan jed'e, Isani eennu na seetani? Anini isaaniti, ammo ilaala, nami toko eegi tiyya d'ufa, ka seemsa kope miila isaa anini hiikhu himmalini.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yoh. aannnis hujii ufii cufa hobaasuu geennaan, ‘Isan eennu na seetani? anin ka isan eegachuutti jirtaniiniti; ammoo, namii tokko eegii tiyya indhufa, ka anin seemsaa kophee miila isaallee hiikuu hinmalin’ ” jedheen.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Uduu Yohaannis tajaajila ufii raawwatu, «Ani eennuun akka ta'e na hubattanii? Ani isaa miti. Haa ta'uu ammo ka miseensa kophee luka isaa hiikuun naaf hin malle anaan maayii dhufa» jedhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Uduu Yohaannis tajaajila isaa raawwatu, «Ani eennuun akka ta'e na hubattanii? Ani isaa miti. Haata'uu ammoo ka miseensa kophee luka isaa hiikuun naaf hin malle anaan maayii hin dhufa jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yohaannis hujii isaa yeroo xumuretti, ani eennuun isinitti fakkaadhee? Ani Masihi'ii miti, garuu hidhaanuma kophee isaatuu hiiku'uuf ka hin geenne, ana duubaan ka bira'aa ni dhufa ni jedha ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yohaannis tajaajila ifii fixatiisatti adoo jiruu kolba'aan, ‹Isin eennu na seetan? Ani ka isin eegattanu sanii moti. Ammoo ka ani hidhaa kophee isaa hiikiisaafille hin teene, na duubaan dhufaara› jedheen.