Acts 13:42 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yennaa Phawuloosii fi Baarnaabaas Mana Waaqeffannaa Yihudootaa keessaa bayanee deemanu, Sanbata itti aanu dhufanee marroo waan kanaa akka itti himanuuf namooti isaan kadhatane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ato worri mana Waaqa iti kad'atani keesaa yau, gumiini aka dubbi tana Sabato d'uftule iti hasaani kad'atte.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Adoo Phaawulosii fi Baarnaabaas mana waldeennaa keessaa yaa'uu jiraanuu, gumiin akka dubbii tana Sambataa itti aanuullee dhufanii itti himan kadhate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa bayan waan kana Sambata dhufu akka isaanitti himu kadhataniin.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Hennaa bayan waan kana Sambata dhufu akka isaanitti himu kadhataniin.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Phaawulosii fi Barnaabaas bakka woligayii isaaniitii yoo bayan, waanuma kana Sanbbata dhufutti'llee irra deebi'anii akka isaanitti himaniif, namoonni isaan ni kadhatan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yennaa Phawuloosii fi Baarnaabaas Mana Waaqonfannaa Yihudootaa keessaa bayanee deemanu, Sanbata itti aanu dhufanee marroo waan kanaa akka itti himanuuf namooti isaan kadhatane.