Acts 13:43 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Kolbaan wolde'a Mana Waaqeffannaa Yihudootaa irraa kaateen duuba, Yihudoota heddu'uu fi worri Yihudoota hin te'in ka gara dhugeeffannaa Yihudootaa deebi'ane, Phawuloosii fi Baarnaabaas hordofane. Phawuloosii fi Baarnaabaas isaan haasessanee, badhaadha Waaqaatiin jabaatanee akka jiraatanu isaan gorsane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Eegi gumiini gargari baate Yahudi heddufi nami aada Yahuditi gale hedduuni Paulofi Barnaba gula yaani. Worri worraani hasae, Eeba Waaqa keesati jabaad'a jed'e gorse.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Eegii mana Waldeennaatti yaa'anii gumiin gargaarii baate Yihudii hedduu fi namii aadaa Yihudiitti gale hedduun Phaawulosii fi Baarnaabaas gula yaa'e. Phaawulosii fi Baarnaabaas warraan haasoftee, akka eebba Waaqii isaanii kenne keessatti jabaatanii jiraatan warra gorsite.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Gumiin haga adda yaa'een maayessa Yihuudonninii fi worri gara Yihuudi'ii seenanii waaqeffatan hedduun isaanii Phaawuloosii fi Baarnaabaasiin faanaa deeman. Isaanillee badhaadhummaa Rabbiitiin jabaatanii akka jiraatan isaan hubachiisan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Gumiin haga adda yaa'een maayessa, Yihuudonninii fi worri gara Yihuudi'ii seenanii kaddaaman hedduun isaanii Phaawuloosii fi Baarnaabaasiin faanaa deeman. Isaanillee badhaadhummaa Rabbiitiin jabaatanii akka jiraatan isaan hubachisan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yaa'iin bakka woligayi'ii yeroo bittinnaayetti, namoonni gara worri Yihudotaa baayi'ee fi namoonni baayi'een gara amantii Yihudotaa galanii Waaqaaf sagadanii, Phaawulosii fi Barnaabaasiin ni horddofan, Phaawulosii fi Barnaabaas'llee namoota barsiisu'uun, kennaa bilisaa ka Waaqaatiin jabaatanii akka jiraataniif isaan ni yaadachiisan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Kolbaan wolde'a Mana Waaqonfannaa Yihudootaa irraa kaateen duuba, Yihudoota heddu'uu fi worri Yihudoota hin te'in ka gara dhugeeffannaa Yihudootaa deebi'ane, Phawuloosii fi Baarnaabaas hordofane. Phawuloosii fi Baarnaabaas isaan haasessanee, badhaadha Waaqaatiin jabaatanee akka jiraatanu isaan gorsane.