Acts 13:5 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Isaan yennaa qachaa Salaamiisii geyane, Jecha Waaqaa mana waaqeffanna Yihudootaatitti lallabane. Yohaannisiin Maarqoos jedhamulle isaan woliin jiraatee isaan qarqaare.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ato worri fulla Salami jiru dubbi Waaqaa maneeni Waaqa iti kad'atani ta Yahudi keesati odeesani Yohanani ka Mariko jed'anileeni worra woliini jira aka worra qarqaaru.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Warrii Salaam dhaqamnaan dubbii Waaqaa manneen waldeennaa ka Yihudii keessatti haasa'e; Yoh. aannis ka Maarqos jedhaniillee akka warra qarqaaruuf fudhatanii dhaqan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa Silmaanaa turan mana sagada Yihuudotaatitti dubbii Rabbii lallaban; tajaajilaan Yohaannis isaan gargaaru'uuf isaan woliin ture.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Hennaa Silmaanaa turan, mana sagada Yihuudi'iititti dubbii Rabbii lallaban; tajaajilaan Yohaannis isaan gargaaru'uuf isaan woliin ture.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Gara magaalaa Salaamisii yeroo gayanitti bakka wolgayii Yihudotaa titti dubbii Waaqaa ni barsiisan, Yohaannis Maarqoos'llee isaan woliin ta'ee isaan ni gargaara ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan yennaa qachaa Salaamiisii geyane, Jecha Waaqaa mana waaqonfannaa Yihudootaatitti lallabane. Yohaannisiin Maarqoos jedhamulle isaan woliin jiraatee isaan qarqaare.