Acts 13:50 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yihudooti ammoo, dubartoota dureeyyii ta dhugeeffannaa Yihudootaa hordottuu fi worra gugurdaa qachaa sanii, Phawuloosii fi Baarnaabaas irratti miidhaa akka kaasanu godhanee, adaala biyya sanii keessaa isaan baasane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo Yahudiini taani nad'eeni dira suni ta gurra qabdu ta beekhanifi, nama gugurda dira sunilee, Paulofi Barnabati kaafte lafa suni keesa gussite.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Warrii Yihudii kaan nadheen dira sunii ta gurra qabdu ta beekanii fi nama gugurdaa dira suniillee, Phaawulosii fi Baarnaabaasiitti kaasee lafa sun keessaa gusse.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yihuudonni ammo worra waaqeffatan, dubartoota kabajjamanii fi bulchoota qachaa booreessan Phaawuloosii fi Baarnaabaasiin irratti lola kaasanii biyya isaaniitii baqachiisan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yihuudonni ammoo, worra kaddaaman, dubartoota kabajjamaanii fi bulchoota qachaa booressan Phaawuloosii fi Baarnaabaasiin irratti lola kaasanii biyya isaaniitii baqachiisan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Durssitoonni Yihudotaa garuu horddofttoota amantii Yihudotaa ka ta'an, dubarttoota dureeyyi'ii fi namoota ol aanttota magaala'aa ka ta'an gurmmeessanii Phaawulosii fi Barnaabaasiin irratti ari'ataminni akka ka'u ni taasisan, biyya isaaniitii'llee isaan ni baasan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yihudooti ammoo, dubartoota dureeyyii ta dhugeeffannaa Yihudootaa hordottuu fi worra gugurdaa qachaa sanii, Phawuloosii fi Baarnaabaas irratti miidhaa akka kaasanu godhanee, adaala biyya sanii keessaa isaan baasane.