Acts 13:6 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Isaan oddoola Qophirosii keessa qaccee garanaatii haga qaccee taanii qaxxaamuranee, qachaa Phaafoosii yennaa geyane, namicha xanoo xanu Yihudicha Baaryesuus jedhamu tokko dhaggane; inni raagicha dharaamessa.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Eegi worri lafa suni ch'ufa ke yae haga Pafo taake, falfalticha toko argani, ka Bar-Yeso jed'ani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Warrii eegii lafa galaanaa sun cufa keessa yaa'ee gara Phaafo taakke, namicha gosa Yihudii ka “Ani raaga” ufiin jedhu falfalticha tokko arge; maqaan isaa Baaryesus jedhan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Lafa bisaaniin marfamte san maraa haga Phaafa'aa hennaa deddeeman mortuu Baaryasuus jedhamu raatticha sobaa nama Yihuudi'ii tokko argan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Lafa bisaaniin marfamte san maraa haga Phaafa'aa hennaa deddeeman mortuu Baaryasuus jedhamu raatticha sobaa nama Yihuudi'ii tokko argan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Eddoolaa Qophrosii keessa baanee gara Phaafaa yeroo gayanitti, Baaryesus ka jedhamu Yihudicha raagaa tokko ni argatan, inni'llee nabiyyicha dharitticha ni ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan oddoola Qophiroosii keessa qaccee garanaatii haga qaccee taanii qaxxaamuranee, qachaa Phaafoosii yennaa geyane, namicha xanoo xanu Yihudicha Baar-Yesuus jedhamu tokko dhaggane; inni raagicha dharaamessa.